YESUUS ISIN JAALATA

Addunyaa kana irra wantoonni nuyi isaan hinhubatiin hedduun jiru: isaan kana gidduudhaas lola, beela, rakkinoota dhuunfaadhaan nu mudachuu danda’anii fi duuti isaan keessatti ni’eeramu.

Waaqayyo jaalala yoo ta’e, wantoonni kun hundinuu akka nurra ga’aniif maaliif eeyyamaa?” jennee nigaafannas ta’a. Dhugaadhumaaf taanaan nuyi iyyuu wantoota kana hundumaaf deebii hinqabnu. Eeyyee, gaaffiilee kana hundumaaf deebii hinqabnu; garuu immoo wanta tokko nibeekna:

Innis Yesuus nu jaallachuu isaadha!

Nu jaallachuu isaa attamiin beekna? Yesuus mataan isaa ennaatokko akka dubbatetti “Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u.”

Yesuus kan inni godhe kanadha:

Ilmaan namaa hundumaatiif mataa isaa kenneera. Sana gochuun isarra turee? Deebiin isaa maal isinitti fakkaakta; eeyyee gochuun isarra ture kan jedhudha. Hammeenya addunyaa kanarra jiru hundumaaf ka’umsa kan ta’e, nu ilmaan namootaa cubbuu hojjechuu keenyadha. Cubbuun namoota namoota irraa akkasumas namoota Waaqayyo irraa adda nibaasa.

Cubbuun nagaa niballeessa.

Cubbuun adabbii namatti fida.

Yesuus cubbuu keenya ofii isaa baate. Nagaa keenya nuuf deebisuuf jedhee adabbii keenya akka ofii isaa fudhate, raajichi Isaayaas kan inni nutti hime duridha.

Sanas kan inni godhe Gooftaan keenya Yesuus baay’ee waan nu jaalatuufidha; yaada keessa kan inni nu galfate osoo nuyi hindhalatiin duraan kaaseeti.

Gooftaan keenya Yesuus waa’ee keenyaaf jedhee cunqursaadhaan du’uuf kan inni eyyamamaa ta’e, barabaraan akka nuyi jiraannuufidha; Waaqayyoo fi ilmaan namootaa waliin barabaraan nagaatti akka jiraannuufidha.

Kanaaf Gooftaan Yesuus nu ilmaan namootaa hundumaa:

Yesuus har’as nu jaalata yommuu jennu sababii qabnaayyudha!

Inni kan du’e yoo ta’e illee, amma garuu jiraataadha; sababiin isaas abbaan Isaa warra du’an keessaa isa kaaseera.

Yesuus akkuma keenya nama ta’ee gara biyya lafaa kana waan dhufeef, haalota rakkisoo fi dhiphisoo ta’an nuyi keessa dabarru hundumaa nibeeka.

Gaaffii keessan hundumaa nihubata. Haa ta’u malee, eenyuunllee taanaan jaalala isaa kana akka hubatuuf hindirqisiisu. Namni isa jaalate garuu jaalala isaa kana fudhachuu nidanda’a, isinis jaalala isaa kana fudhachuudhaaf carraa qabdu.

Nuyi jaalala isaa kana fudhannee wanti nuyi hubanne yoo jiraate, jaalalli, nagaa fi boqonnaan inni namaaf kennu dhugaa ta’uu isaadha!

Yesuus madda boqonnaa, nagaa fi gammachuuti. Yoo isa kadhanne inni nu dhaga’a. Yeroo rakkisaa fi haala dhiphisaa ta’e keessattillee, jajjabinaa fi cimina nuuf kenna.

Waa’ee Yesuus kanuma irra caalaa beekuu feetuu? Kana kan feetan yoo ta’e, fedha keesan kana isatti himadhaa; waa’ee jaalala isaa, nagaa isaa, boqonnaa isaa fi gammachuu isaa amantoonni hubatan naannaa keessan kan jiran yoo ta’e, isaaniin dubbisaa; yookaan teessoo keenya armaan gadi jiruun nuuf barreessaa.

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos isin haa eebbisu!

 

Die Kommentare sind geschlossen.